Seera Daldaalaa Haaraa

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Mootummaa FDRI Yaa’ii idilee Bitootessa 16 bara 2013 gaggeesseen Seera Daldalaa biyyattii haaraa raggaasisuun ni beekama. Seerri daldalaa haaraan kun tarree labsiiwwan moorummaa federaalaa 1234 ffaa irratti labsii Lakk. 1243/2013 jedhamee kan galmaa’e yoo ta’u seera daldaalaa bara 1952 bahee fi waggoota 62 oliif hojiirra ture keessaa harka guddaa kan fooyyeessee dha.

Barreeffama gabaabduu kana keessatti seerri daldaalaa maal? Kaayyoowan akkamii qaba? Seera daldaalaa biyyattii hojiirra ture jijjiiruuf maaliif barbaachise? Jijjiiramootni gurguddoon seeraa haaraa keessatti dhufan maal maal? qabxiileen jedhan deebii/ibsa kan argatan ta’a.

Hariiroon wal xaxaan daldaalaa/jaarmiyaa daldaalaa fi qaamota armaan olitti ibsame kana gidduu jiru akkaataa bu’a qabeessummaa qaamota kanneenii giddisuu fi darbees dinagdee biyyaaf gumaachuu danda’uun hoogganamuu qaba.

Barbaachisummaa seera daldaalaas fuulduratti kan dhufu yaadama bu’uuraa kana irraa kan madduu dha. Qixa kanaan yommuu ilaalamus seerri daldaalaa kaayyoowwan gurguddoo lama kan qabu ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Inni jalqabaa daldaalaan ykn jaarmiyaan daldaalaa hariiroowwan wal xaxoo olitti ibsame kana keessatti socho’ee fi hojjatee bu’aa akka argatuu fi qabeenya akka horatu kan dandeessisu uwwisa/haguuggii seeraa diriirsuu yoo ta’u kunis daldaalaan ykn dhaabbatni daldaalaa hojii hojjatuun bu’a qabeessa ta’ee guddina biyyaafis akka gumachu ofitti amanamummaan akka hojjatu kan dandeessisuu dha. Inni lammaffaan mirgootaa fi dantaa seera qabeessa qaamolee daldaalaa ykn jaarmiyaa daldaalaa wajjin hariiroo qaban ykn uumuuf jiraniif eegumsa seeraa kennuu ta’ee kunis hariiroon hojii gaarii fi wal amanamummaan wajjin hojjachuu akka cimu gochuu dha.

Akkuma gubbaatti tuqame seerri daldaalaa biyyaattii (Commercial Code) bara 1952 kan bahe yoo ta’u waggoottan 62 oliif hojiirra kan ture ta’uun hubatamuu qaba. Yeroo dheeraa kana keessattis jijjiiramtootni siyaas-dinagdee bal’aan akka biyyaattis ta’ee akka addunyaatti kan dhufe ta’uun wal nama hin gaafachiisu.
Jijjiiramni guddaan yeroon fidee sirna siyaas-dinagdee (political economy) tiin kan wal qabatuu dha. Seerichi yeroo sanatti seerota biyyoota guddatanii kan akka Seera biyya Faransaay fi kanneen biroo irraa kan waraabame ta’us akkaataa sirna fiwudaalaa (sirna mootootaa) yeroo sana akka sirna siyaas-dinagdeetti biyyattiin hordoftuuf akka tolutti kan bocameedha jechuun ni danda’ama. Sirni siyaas-dinagdee yeroo sana ture immoo yeroo keessa guutummaan guutuutti waan jijjiirameef seerichi kana wajjin jijjiiramuu qaba.

Dhimmi lammaffaan kanaan wal qabatee ilaalamuu qabu jijjiiramni siyaas-dinagdee addunyaa sirna giloobaalaayizeeshinii hordofee dhufe daldallii fi investimentiin amala daangaa ce’uu (trans-boundary) horachaa kan dhufe ta’uu fi seeronni dhimma kana bitan daldaaltootaa fi investarootaaf tilmaamummaa qabaachuu kan qaban ta’uu dha. Keessumaa faayidaan daldaalli idila dunyaa fi investimentiin biyya alaa gam-hedduun dinagdee biyyaa keessatti qaban ol’aanaa waan ta’eef sirni seeraa jiraachuu qabu kana kan jajjabeessu ta’uu qaba. Seerri daldaalaa hojiirra ture qixa kanaanis gaafa ilaalamu hanqina kan qabu waan ta’eef akka fooyya’uuf dhimmi kun sababa lammaffaa ta’eera jechuu dha.

Kana malees seerri daldaalaa guddina dinagdee biyyattiif haala kan mijeessu ta’uu qaba; seerri daldaalaa qixa kanaan ture hanqinaalee heddu kan qabuu fi daldaala gaggeessuuf salphaa (ease of doing business) ta’uu dhabuun sababa biraa jijjiiramni seericha irratti akka taasifamu dirqisiisee dha.

Gama biraatiin biyyattiin miseensa Dhaabbata Daldaalaa Addunyaa (World Trade Organization) ta’uuf carraaqaa kan jirtu yoo ta’u sirna seera biyyattii (keessumaa seera daldaalaan wal qabaatu) akkaataa ulaagaalee dhaabbatichaan fooyyessuun waan barbaachiseef seericha irratti jijjiiramni akka taasifamu sababa biraa ta’uu barreeffamoota adda addaa sakatta’aman irraa hubachuun danda’ameera.

Walumaagalatti sababootni armaan olitti ibsamanii fi kanneen biroo sirna daldaalaa biyyattii ammayyeessuu irratti qiyyaafatan seerri daldaalaa waggoottan 62 oliif hojiirra ture akka fooyya’u ka’uumsa ta’aniiru.

Bu’uurarraa seerri daldaalaa haaraan seera daldaalaa duraan ture guutummaan guututti kan hin jijjiirre ta’uun hubatamuu qaba. Seerri duraanii kitaabota gurguddoo 5 (kitaabni jahaffaan tumaalee ce’uumsaa hammate jiraatus) kan of keessaa qabu ture. Isaanis:
 Kitaaba I: Waa’ee Daldaaltotaa fi Daldaalaa kan hammate;
 Kitaaba II: Waa’ee dhaabbilee daldaalaa kan hammate;
 Kitaaba III: Waa’ee geejibsiisuu fi insuraansii kan hammate;
 Kitaaba IV: Waa’ee sanadoota waadaa fi baankii kan hammate;
 Kitaaba V: Waa’ee kisaaruu fi kasaaraa kan hammatee dha.

Kitaabota kanneen keessaa seerri haaraan kan jijjiiree (kitaabota haaraan kan bakka buuse) kitaabota I, II fi V dha. Kitaabonni waa’ee geejjibsiisuu fi insuraansii akkasumas waa’ee sanadoota waadaa fi baankii hin jijjiiramne. Kanaafis sababootni gurguuddoon lama jiraachuun hubatameera. Sababni duraa dhimmootni kitaabota kana lamaaniin hammataman baay’een isaanii labsiilee adda addaa Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa baaseen uwwisa argataniiru. Labiilee insuraansii fi baankii ilaaluun kana hubachuuf gahaa ta’a. Sababni lammaffaan daldaalli kanaan wal qabatu uumama isaatiin kanneen biroo irraa addaa fi wal xaxaa ta’uun addatti xiyyeeffannoo argachuu akka qabu kan dirqisiisuu dha. Kanuma haala giddugaleessa godhateen fooyya’iinsi haaraan akka taasifamu gareen ogeessota seeraa tokko hundaa’ee irratti hojjachaa akka jiru hubachuun danda’ameera.

Hundaafuu, jijjiiramtootni gurguddoon kitaabota 1ffaa, 2ffaa fi 5ffaa keessatti taasifaman kanneen armaan gadii ti.

1.Kitaaba 1ffaa Ilaalchisee
Kitaaba 1ffaa keessatti jijjiiramoota heddu taasifaman keessaa inni tokko hiikoo jecha ‘daldaalaa’ jedhuuf kennameen kan wal qabatee dha. Jijjiiramni qixa kanaan taasifames akka itti aanutti ibsameera.
Seera daldaalaa duraanii keessatti daldaalaa jechuun namoota ogummaa isaanitiin galii argachuuf gosota hojii 21 tarreeffaman qofa irratti bobba’an jechuu akka ta’e keewwata 5 jalatti haala cufaa ta’een tumameera. Seera daldaalaa haaraa keessatti jijjiiramootni gurguddoon lama keewwata kanaan wal qabatee taasifamaniiru.
Inni jalqabaa gosota hojii 21 namootni daldaalaa jedhaman irratti bobba’an jedhamee tumamee ture gara 37 tti kan oli guddise yoo ta’u kana keessattis gosootni hojii teekinoolojii jabana kanaa hordofuun dhufanii fi seera duraanii keessatti hin hammatamne beekamtii argataniiru. Jijjiiramni 2ffaan seera duraanii keessatti gosootni daldaalaan irratti bobbo’uu qabu 21 qofa jedhamee cufamee ture banaa akka ta’u (kan ibsaman 37’n illustrative list dha) taasifameera. Kunis gosootni hojii 37’n ibsamaniin ala jiranii fi amala isaaniin wal fakkaatan qaban biroon akka hojii daldaalatti akka hammataman taasifameera.

2.Kitaaba 2ffaa Ilaalchisee
Jijjiiramni biraa seera haaraan wal qabatee dhufe dhaabbilee daldaalaa kan ilaallatuu dha. Seerri daldaalaa duraanii dhaabbilee daldaalaa gurguddaa keessatti abbootii qabeenyaa qooda (share) xiqqaa qabaniif eegumsi taasise xiqqaa ta’uu irraan kan ka’e kanneen qooda guddaa qabaniin saamamuu irraa akka eegaman uwwisa gahaa kennee hin turre. Seerri haaraan kana haala gaarii ta’een akka jijjiire tumaalee naannoo kanatti tumaman irraa hubachuun ni danda’ama. Haaluma kanaan tumaaleen qixa kanaan itti gaafatamummaa fi iftoominaa diriirsan akkasumas bulchiinsa dhaabbata daldaalaa keessatti gahee/hirmaannaa abbootii qooda ol guddisan akka hammataman taasifameera.

Gama kanaan seerri daldaalaa duraanii dhaabbilee daldaalaa 6 ta’aniif (dhaabbilee shariikaa gosa 3, jaarmiyaalee itti gaafatamummaan isaanii murtaa’e 2 fi shariika dhoksaa/joint venture) jedhamaniif beekamtii kan kenneedha. Kanneen keessaa inni 6ffaan biyya kanatti baay’ee kan hin beekamne sababa ta’eef osoo hojiitti hin hiikamin tureera. Seera daldaalaa haaraa keessatti inni keessaa bahee jaarmiyaalee daldaalaa dabalataa lamaaf (walumatti jaarmiyaalee daldaalaa 7’f) beekamtiin kennameera. Lamaan haaraa dabalaman keessaa inni duraa dhaabbata shariikaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee dha. Dhaabbanni gosa kanaa kan namootni lamaa fi isaa oli ogummaa isaanitiin tajaajila kennuuf hundeeffatanii dha. Akka fakkeenyatti dhaabbanni ogeessonni seeraa tajaajila abukaatummaa akka jaarmiyaatti (firm) tti kennuuf hundeeffatan gartuu kana keessatti kan ramadamuu dha (Seericha keewwata 221-233 tti kanneen jiran ilaaluun ni danda’ama). Jaarmiyaan daldaalaa lammaffaan bifa haaraan beekamtii argate jaarmiyaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee fi abbaa miseensa tokkoo ti. Seera duraanii keessatti jaarmiyaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e hundeessuuf yoo xiqqaate miseensotni lama jiraachuun dirqama kan ture yoo ta’u seera haaraa keessatti dirqamni kun akka hafu taasifamee jaarmiyaan itti gaafatamummaan isaa murtaa’e, abbaan miseensa tokkoo hundeessuun akka danda’amu tumameera.

Bulchiinsa (corporate governance) baarmiyaalee daldaalaa itti gaafatamummaan isaanii murtaa’ee ilaalchisees jijjiiramni bu’uuraa taasifamee jira. Kanaan wal qabatee seerri duraanii boordii daayirektarootaa sadarkaa tokko qabu qofaaf beekamtii kan kennu yoo ta’u seerri haaraan boordii sadarkaa lama qabuuf beekamtii kenneera. Inni tokko boordii boordii bulchiinsaa (management board) kan jedhamu yoo ta’u namoota jaarmiyicha keessa qooda qabanis ta’ee kan hin qabne filatamanii kan keessatti hirmaataniidha. Inni lammaffaan boordii to’attootaa (supervisory board) kan jedhamu yoo ta’u namoota jaarmiyicha keessaa qooda qaban keessaa yaa’ii abbootii qoodaan kan filatamanii dha. (Keewwata 296 hanga 334 tti jiran ilaaluun gaarii ta’a)

3.Kitaaba 3ffaa (Kitaaba 5ffaa Seera Duraanii) Ilaalchisee
Seerri daldaalaa haaraan kitaana 5ffaa duraanii kitaaba 3ffaa taasisuun teechiseera. As keessatti jaarmiyaan daldaalaa tokko kisaaraa keessa yommu seenu ykn seenuuf jedhu yoo danda’ame jaarmiyicha hambisuu; yoo hin danda’amne immoo qabeenya argame qisaasamaaf osoo hin saaxilamin abbootii idaatiif haala haqa qabeessa ta’een qoqqooduu tumaaleen dandeessisan hammatamataniiru.
Of eeggannoof jecha idaa deebisanii diriirsuu (Preventive re-structuring)
Idaa deebisanii kurfeessuu (re-organization)
Sirni kisaaraa fi kkf bifa haaraan akka diriiran taasifamaniiru.

Guduunfaa

Seera daldaalaa haaraa keessatti jijjiiramtootni baayyee hojii daldaalaa qixaan qajeelchanii fi salphisan heddu taasifamaniiru. Seerichi daldaaltota hojii daldaalaa keessatti bobba’anii fi qaamolee mootummaa fi kanneen birootiin haala guutuu ta’een hojiitti kan hiikaman yoo ta’e faayidaa ol’aanaa qaba amantaa jedhun qaba.

3 Comments

  1. Hojii gaaridha jabaadha

  2. Labsii daldalaa jimaa maliraa gahee jirraa
    Akamitii hojattamaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *