Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Yaa’ii idilee Bitootessa 23 bara 2016 gaggeesseen labsii waa’ee kireessaa fi kireeffataa manaa murteessuuf dhiyaate raggaasiseera.
Labsichi gatii kiraa manaa akka malee dabalaa dhufe tasgabbeessuu akkasumas mirgaa fi dirqama kireessaa fi kireeffataa haala madaalawaa ta’een tumuu irratti kan fuulleffateedha jedhameera. Qabxiiwwan murteessoo labsicha keessatti hammataman hubannoof akka ta’u akka itti aanutti isiniif qindeessineerra.
Daangaa Raawwatiinsaa
Labsichi Magaalota Finfinnee, Dirre Dhaww, Magaaloota itti waamamni isaanii naannoleef ta’e fi magaalota biroo naannoleen haala qabatama isaanii irratti hundaa’uun irratti raawwatamuu qaba jedhanii murteessan irratti raawwatiinsa kan qabaatu ta’uu ibsameera (wixinee labichaa keewwata 3)
Foormaatii Waliigaltee Kiraa Manaa
Waliigalteen kiraa manaa barreeffamaan raawwatamuu kan qabu ta’ee qaama hojiirra oolmaa isaa akka to’atuuf naannolee fi bulchiinsa magaalotaa (Finfinnee fi Dirre Dhawaa) hundeessan biratti galmaa’uu qaba. Waliigalteen kun erga mallattaa’ee kaasee guyyoota 30 keessatti dhiyaatee mirkanaa’uu fi galmaa’uu qaba.
Yeroo Turtii Waliigaltee Kiraa Manaa
Akkaataa labsicha keessatti ibsameen yeroon turtii waliigaltee kiraa mana jireenyaa yeroo waggaa lamaa gadi ta’uu hin qabu. Osoo labsichi hin bahin dura waliigaltee kiraa hojiirra ture garuu yeroon turtii isaa kanuma waliigaltichaan irratti waliigalame ta’a.
Hanga/Gatii Kiraa Manaa
Hangi/gatiin kiraa manaa kanuma waliigaltee kiraa irratti ibsame (kireessaa fi kireeffataan irratti waliif galan) ta’ee akka fudhatamu; gaticha dabaluun kan danda’amu haala qaamni hojiirra oolmaa labsichaa to’atu murteessee uummataaf ifa taasisu irratti hundaa’uun qofa akka ta’us ibsameera.
Kanfaltii Duraa
Waliigalteen jiraa mana jireenyaa yeroo taasifamu kanfaltii duraa jedhamee kanfaltiin kireeffataan kireessaaf raawwachuu qabu gatii kiraa manichaa kan ji’a lamaa caaluu hin qabu.
Addaan Cituu Waliigaltichaa
Waliigaltichi osoo barri isaa hin xumuramin waliigaltee gareewwan lamaaniin ykn kireeffataan mana kireeffate gadi lakkisuu yoo barbaade akeekkachiisa ji’a lamaa kennuun ykn manichi gurgurtaan, dhaalaan, idaadhaan ykn haala biraa kamiinuu nama 3ffaatti kan darbe yoo ta’e kireessan akeekkachiisa ji’a 6 kennuun waliigalteen kiraa manaa addaan cituu ni danda’a.
Kana malees kireeffataan gatii kiraa manaa yeroon yoo hin kanfalle (yeroo jalqabaaf guyyaa 15 yoo dabarse fi yeroo lammaffaaf guyyoota 7 yoo dabarse); manicha beekamtii kireessan ala tajaajila biroo kan akka daldaalaaf yoo oolche ykn hojii seeraan dhorkame kan keessatti raawwate yoo ta’e; irra deddeebiin nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqa yoo ta’ee fi itti yaadee ykn dagannoon mana kireeffate irra miidhaa kan geessise yoo ta’e kireessan akeekkachiisa malee waliigaltee kiraa addaan kutuu akka danda’u tumameera.
Akka koottii labsichii heerawaa miti sababni isaattis Mootummaan Fedeeraala magaaloota itti waamamnii isaani naannoollef ta’an irraatti aangoo seeraa baasu hin qabu waan ta’ef