Jijjiiramoota Seerri Daldaalaa haaraan biyyattii (labsii lakk. 1243/2013) qabatee dhufe keessaa tokko dhaabbata dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e abbaa miseensa tokkoo (one person company) jedhamuuf beekamtii kennuudha. Dhaabbata dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e abbaa miseensa tokkoo jechuun maal jechuudha? Daldala dhuunfaan gaggeeffamu (sole proprietorship) irraa maaltu adda godha? Faayidaa fi dhiibbaa maalii qaba? Akkamitti hundaa’a? fi dhimmootni biroo kanaan wal qabatan iftoomina barbaadu. Hubannoof akka tolu yaadota armaan gadii isiniif qoodeen jira
Yaada Ka’uumsaa
Guddina dinagdee biyya tokkoo ariifachiisuu keessatti shoorri daldaalli qabu ol’aanaa dha. Namootni daldaala karaalee lamaan gaggeessuu danda’u. Inni jalqabaa dhuunfaadhaan maqaa ofiitiin hayyama baafatanii daldaaluu yoo ta’u karaan lammaffaan dhaabbataa hundeessuun (‘partnership’ uumuudhaan) gaggeessuu dha.
Daldaalli karaa lammaffaan gaggeeffamu kun amaloota mataa isaa (basic features) ni qabaata. Dhabbatichi daldaala gaggeessu namummaa seeraa (legal personality) abbootii qabeenyaarraa adda ta’e ni qabaata, kunis faayidaa heddu goonfachiisuu danda’a. Kanaanis maqaa isaatiin himachuu, himatamuu ni danda’a; darbees abbaa mirgaa, qabeenyaa fi dirqamootaa ta’uu ni danda’a.
Seerri biyya keenyaa gosoota dhaabbata daldaalaa (partnership) lamaaf beekamtii kenna. Inni jalqabaa dhaabbata daldaalaa itti gaafatamummaan miseensotaa hin murtoofne (partnerships) yoo ta’u inni lammaffaan dhaabbata daldaalaa itti gaafatamummaan miseensota isaa murtaa’e (companies) dha. Dhaabbata daldaalaa itti gaafatamummaan miseensotaa hin murtoofneen wal qabatee dhaabbatichi yoo kasaare, miseensonni idaa dhaabbatichaa dhuunfaadhaan kanfaluuf kan dirqamaniidha. Dhaabbata daldaalaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’een wal qabatee itti gaafatamummaan miseensotni (abbootiin qoodaa) idaa dhaabbatichaaf qaban murtaa’aa dha; kana jechuunis dhaabbatichi yoo kasaare miseensonni hanga qooda qabaniirra darbee idaa dhaabbatichaaf dhuunfaadhaan itti gaafatamummaa hin qaban jechuu dha.
Dhaabbatni dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e abbaan miseensa tokkoo garee 2ffaa kana jalatti kan ramadamuu dha.
Maalummaa
Dhaabbata daldaalaa ibsa dhuunfaa (unilateral declaration) nama tokkootiin hundaa’u akka ta’e seericha keewwata 534 jalatti ibsameera.
Dhaabbaticha Hundeessuuf
- Miseensa tokko qofatu barbaachisa;
- Kaappitalaa ka’uumsaa qarshii 15,000 fi isaa oltu barbaachisa.
- Barreeffama hundeeffamaa osoo hin taane ibsa (declaration) nama hundeessuu kan barreeffaman kennamu; fi kkf
Ibsa (declaration) nama hundeessuu keessatti waantotni hammatamuu qabanis seeraan taa’anii jiru. Isaanis: - Dhaabbatichi miseensa tokko qofa kan qabu ta’uu;
- Maqaa, lammummaa fi teessoo miseensichaa;
- Miseensichi yoo du’e, ykn bade ykn Mana Murtiitiin mirgi isaa kan irraa mulqame yoo ta’e, maqaa nama isa ykn dhaaltota isaa bakka bu’uun dhaabbaticha bulchu;
- Namni akkaataa kanaan kaadhimame dirqamicha fudhachuuf fedhii qabaachuu isaa waan agarsiisu,
- Maqaa dhabbatichaa, teessoo muummichaa fi dameewwan isaa (yoo jiraatan),
- Kaayyoo daldaalaa dhaabbatichaa
- Hanga kaappitala isaa fi ibsa kaappitaalichi guutummaatti kanfalamuu agarsiisu;
- Maqaa fi aangoo hoji gaggeessaa,
- Maqaa odiitaraa (yoo jiraate).
- Daangaa yeroo dhaabbatichi turu,
- Haala fi yeroo gabaasni raawwii hojii itti ifoomu…
- Fi ibsama biroo seeraan ykn miseensichaan itti guutamu…
Faayidaalee fi Miidhaa Isaa
Faayidaa: Eenyummaa mataa isaa miseensicharraa adda bahe (separate legal personality) qabaachuu irraa faayidaaleen maddaan heddu kan jiran ta’us inni guddaan dirqamni miseensaa murtaa’aa ta’uudha. Kana jechuun yoo badii qabaate irraan kan hafe, idaa dhaabbatichaaf itti gaafatamummaan miseensichi qabu hanga buusii dhaabbatichaa irraa eegamu qofatti ta’a. Gama biraatiin miseensichi yoo du’e dhaabbatichi kan itti fufu waan ta’eef kunis faayidaa birooti.
Miidhaa: Kanfaltii gibiraan wal qabatee dhaabbatichis miseensis gibara gosa adda addaa akka kanfalan waan dirqisuuf double taxation’f karaa bana. Biyootni tokko tokko seera taaksii keessatti double taxation hambisanii miseensichi qofti akka kanfalu taasisu. Seerri taaksii biyya keenyaa hojiirra jiru kanaaf iddoo waan hin qabneef, gama biraatiin dhaabbatni kun biyyattiif haaraa ta’uu irraan kan ka’e dhimmootni kun akka wal simatan gochuuf yeroo fudhachuu hin oolu.
Ishoo👏👏👏
Baga nuf dhiyaattan kabajamoo keenya.
Very Interesting Blog and Website keep going high!!
Gonfa Atoma, Thank you for this law blog. It is a great move! May be the first Afan Oromio law blog!
Galatoomaa!!
Dhimmoota seeraan walqabatan irratti fuula funcaa/saphapha seerotaa haaraa ( updated weblog) Afaan Oromoon qopheessitanii dhiyeessuun namni afaan isaan akka hubatee itti fayyadamuu fi guddina afaanichaaf iddoo ol-aanaa qaba. Guddaa galatoomi; jabaa namaa.