Lafti Magaalaas ta’ee kan baadiyyaa qabeenya waliinii mootummaa fi uummata biyyattii akka ta’e; namni dhuunfaa mirga fayyadamaa fi sanaan wal qabatan qofa akka qabu tumaalee Heera Mootummaa (keewwata 40/3), imaammata lafaa biyyattii fi seerota lafaa irraa hubachuun ni danda’ama. Akkaataa kanaanis lafti qabeenya hin gurguramne (mootummaan alatti namni dhuunfaa gurguruu hin danda’u) ta’uu tumaa heerichaa kana irraa ifaan kan hubatamuu dha.
Lafti magaalaa mana kan ofirraa qabu yoo ta’e bittaa fi gurgurtaadhaan lafa manni irra jiru dabarsuun akka danda’amu seerota lafa magaalaa bulchuuf bahan keessatti tumameera. Mana lafa baadiyyaa irra jiru gurguruun kan danda’amu ta’us namni bittaa kana raawwate manicha kaafatee deemuun alatti sababa bittaa manichaatiin mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa goonfachuu hin danda’u (labsii lakk. 248/2015 keewwata 9 (14)). Magaalaattis ta’ee baadiyyaatti lafa duwwaa haala kamiinuu gurguruun kan hin danda’amne ta’uu tumaalee seerotaa kanneen irraa hubachuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee uummanni keenya seerota ibsaman irratti hubannoo gahaa dhabuudhaan ykn wal amantaadhaan ykn bu’aa irratti hordofsiisuu danda’u tilmaamuu dadhabuudhaan magaalaa keessatti lafa duwwaa walitti gurguruun ni mul’ata. Turtii boodas walitti gaabbuun waliigaltichi akka diigamuuf yeroo mana murtiitti wal himachuun ni jira. Adeemsa kana keessatti namni lafa duwwaa bite mana dabalatee ijaarsa adda addaa gaggeessuu ni danda’a. Yommuu waliigalteen gosa kanaa diigamu manaa fi ijaarsaalee biroo laficha irratti gaggeeffaman ilaalchisee namni ijaarsicha gaggeesse mirga akkamii qabaa? tumaaleen seeraa raawwatiinsa qaban isaan kam? qabxiileen jedhan iftoomina barbaadu.
Akkuma olitti ibsame lafa magaalaas ta’ee kan baadiyyaa mana ofirraa hin qabne bittaa fi gurgurtaan walitti dabarsuun haala kamiinuu kan hin danda’amnee dha. Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafa duwwaa magaalota keessatti sababoota gubbaatti tarreeffaman keessaa tokkoon ykn kan biraatiin raawwatamuu akka danda’u qabatamni jiru ni agarsiisa (yeroo baay’ee osuma manni irra hin jiraatiin akka waan irra jirutti waliigaltee barreessuun baratamaa ta’u jechuu dha). Sanas ta’ee kana waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafa duwwaa bu’uura tumaalee heera mootummaa fi Seera Haiiroo Hawaasaa (SHH) keewwata 1716 tiin fudhatama kan qabu miti; bu’aan inni hordofsiisus iyyata gareewwan lamaanii keessaa tokko ykn garee 3ffaan dhiyeessu hordofee murtii mana murtiitiin kan diigamu ta’uu dha (SHH saa keewwata 1808 (2)). Namni waliigaltee kana bu’uureffatee laficha harkatti galfates hanga waliigaltichi akkaataa ibsame kanaan diigamutti mana irratti ijaaruu ni danda’a; qabamaattis akka irratti ijaaru argaa jirra.
Gaaffii guddaan kanaan wal qabatee ka’us falli (remedy) namni akkaataa kanaan maallaqa isaa itti dhangalaasee mana laficha irratti ijaare qabu maaliidha? kan jedhuu dha. Waliigalteen gosa kanaa akkaataa SHH keewwata 1802 tiin akka diigamuu qabu olitti kan ibsame yoo ta’u diigamuun waliigaltichaa bu’aa maal hordofsiisa kan jedhu immoo seericha keewwata 1815 jalatti tumamee jira. Kunis gareewwan waliigalticha waliif raawwatan hanga danda’ametti bakka osoo waliigaltichi hin raawwatamin turanitti deebi’u; kana jechuunis inni lafa gurgure maallaqa sababa gurgurtaa sanaatiin fudhate deebisee inni bittaadhaan laficha simate maallaqa dursee kanfale deebifatee laficha abbaa qabiyyeef deebisaa jechuu dha. Mana irratti ijaarameen wal qabate ejjannoon ogeessonni baay’een calaqqisiisaa turre SHH keewwata 1179 jalatti kan tumame isa osoo abbaan qabiyyee osoo hin mormin ijaarame waan ta’uuf namni laficha deebisee simatu beenyaa madaalawaa kanfaluufii qaba kan jedhuu dha.
Haa ta’u malee dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 25ffaa galmee lakk. 189608 ta’e irratti hiikoo seeraa dirqisiisaa kenneen tumaan keewwata kanaa raawwatiinsa kan qabaatu yoo hariiroo beekamaan gareewwan lamaan gidduu hin jirreedha malee dhimma waliigaltee bu’uureeffatee maddu irratti miti jedheera. Haala bocama keewwata 1818 fi kutaa seerichaa keewwatichi jalatti tumame waliin yoo ilaallu murtiin dhaddacha ijibbaataa kun sirrii fi fudhatama kan qabu natti fakkaata.
Yaad-rimeen waliigalteen dura haala turetti deebi’uu (reinstatement) bu’uurarraa idaa’imni ykn hir’ifamni kamuu osoo hin jiraatin gareewwan laman waan dursa kennan deebi’anii fudhachuu agarsiisa. Lafa duwwaa waliigaltee bittaa fi gurgurtaan argame irratti ijaarame yoo jiraate laficha irratti jijjiirama (ida’ama) kan hordofsiisu ta’uun ni beekama. Yoo akkas ta’e immoo bakka dura turetti akka turetti deebi’uun hin danda’amu. Kanaan wal qabatee filannoowwan lamatu jiru. Inni jalqabaa namni mana ijaare manicha diigee kaafachuun lafa duwwaa abbaa qabiyyeef deebisuudha; inni kun baasii fi dhaamaatii gaggeeffame waliin yoo ilaalamu dhama qabeessa miti; dinagdeewwaas (economical) hin ta’u. Filannoon lammaffaan namni laficha deebisee fudhatu gatii manichi baasu nama ijaareef kanfalee manicha oolfachuu dha. Yoo akkas hin taane inni tokko seeraan ala badhaadhuu fi inni biraa akka miidhamu karaa bana. Tumaan keewwata 1818 kanuma ittisuuf waan bocame fakkaata. Gara seerota seeraan ala badhaadhutti kan qajeelchees kanumaaf fakkaata.
Walumaagalatti, falli namni kun qabu ykn mana ijaare diiggatee kaafachuu ykn akkaataa SHH keewwata 1818 tiin gareen sun seeraan ala badhaadhuu waan hin qabneef ijaarsa manichaaf baasii baase akka bakka buusuuf himannaa dhiyeeffachuu dha.
Really this is inspiring blog I ever seen!
Galatoomaa!