𝗦𝗲𝗲𝗻𝘀𝗮
Mirgoota namoomaa uumama isaanitiin dhala namaa maraaf uumamaan kennaman keessaa tokko mirga walabummaati. Mirgi bal’aa yoo ta’u seeraan ala to’atamuu dhabuu kan dabalatuu dha.Gama biraatiin mootummaan nageenya biyyaa fi uummataa eegaisuuf dirqama kan qabu ta’ee yakki akka hin raawwatamne ittisuu, nama kanarra darbee yakka raawwatu seeratti dhiyeessun adabamee akka irraa baratuu fi kanneen biroo gocha wal fakkaataa akka hin raawwanne akeekkachiisuuf ni hojjata. Kana keessattis namoota yakka raawwatan jedhanii shakkan to’achuun; kanneen yakka raawwachuun qorannoon irratti mirkanaa’e Mana Murtiitti himachuun ni jira.Mirgoota namoota to’atamanii fi himatamaniif eegaman keessaa tokko mirga wabiin to’annaa jalaa bahuuti. Barruu gabaabduu kana keessatti waa’ee mirga kanaa fi raawwatiinsa inni biyya keenyatti qabu gabaabsinee ilaaluuf yaalla.
𝗠𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂
Wabuu bahuu jechuun namni yakka raawwachuun to’atame ykn hinatame yeroo fuulduratti barbaadamutti dhiyaachuuf wabummaa namaa waammatee ykn maallaqa/qabeenya qabsiisee to’annaa jala bahuun dhimma isaa mana isaatii deddeebi’uun hordofachuu jechuu dha.
𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗕𝗶𝘆𝘆𝗮 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂?
Heerri Mootummaa FDRI bara 1987 bahee fi kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1995 fooyya’ee keewwata 19 (6) jalatti mirga kanaaf beekamtii kennaniiru, akkas jechuun: “namni qabame (to’annoo jala jiru) wabiidhaan bahuuf mirga ni qaba. Haala addaa seeraan tumameen Manni Murtii mirga wabiin bahuu nama to’atamee dhorkuu ykn wabummaa gahaa waamsisuun haala irratti hundaa’ee akka bahu taasisuu ni danda’a.” Tumaan heera mootummaa kun ifaa fi gabaabadha; haala addatti mirgi wabiin bahuu ifatti yoo dhorkameen alatti nama to’atame wabii waamsisuun gadi lakkisuun dirqama akka ta’eedha. Seerri deemsa falmii yakkaas keewwata 59 jalatti tumaa wal fakkaata hammateera.
𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶 𝗘𝗲𝗻𝘆𝘂𝘁𝘂 𝗛𝗮𝘆𝘆𝗮𝗺𝗮/𝗘𝗲𝗴𝗮?
Tumaalee seera deemsa falmii yakkaa fi heera mootummaa yommuu sakattaanu, mirga wabii eeguun wal qabatee adda durummaan kan aangeffame Mana Murtii ta’uu hubanna. Ta’us qorataan poolisii nama yakka raawwachuun shakkamee to’annaa jala jiru waraqaa dirqamaa guuchisuun wabiin gadilakkisuu akka danda’u seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 jalatti tumameera. Kunis ta’uu kan danda’u yakki shakkamaan ittiin shakkame adabbii hidhaa cimaan kan hin adabsiisne yoo ta’e ykn yakka raawwachuun isaa shakkisiisaa yoo ta’ee dha.
Akkaataa kanaan qorataan poolisii nama to’atame mallatteessisee gadi lakkisuu yoo dhiise/dide namichi bu’uura seericha keewwata 64 tiin Mana Murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni Murtiis iyyata akkaataa kanaan dhiyaatuf ilaalee murtii kennuuf aangoo bal’aa qaba.
𝗛𝗮𝗮𝗹𝗼𝘁𝗮 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗗𝗵𝗼𝗿𝗸𝗶𝘀𝗶𝗶𝘀𝗮𝗻
Haalotni addaa mirga wabiin bahuu nama to’atamee ykn himatamee dhorkisiisan seerota adda addaa keessatti tumamanii jiru.
𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮 𝗗𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗬𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝘁𝘁𝗶:
Seericha keewwata 63 fi 67 jalatti akka tumametti haalotni armaan gadii gaafa mudatan Manni Murtii mirga wabiin bahuu ni dhorka.
•Yakki raawwatame jedhame adabbii du’aan ykn hidhaa cimaa waggaa 15 fi isaa oliitiin kan adabsiisu yoo ta’e; fi namni yakki irratti raawwatame (victim) kan du’u yoo ta’e (possiblity);
•Namni shakkame/himatame dirqama wabummaa seene hin bahatu (ni bada) jedhamee yoo amaname;
•Yoo to’annaa jalaa bahe yakka biraa raawwachuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame;
•Ragaa balleessuu (ragaa namaa faayidaan ykn haala biraan ni gowwoomsuu dabalatee) danda’a jedhamee yoo amanamee dha.
𝗟𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗗𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗬𝗮𝗸𝗸 𝗠𝗮𝗹𝗮𝗮𝗺𝗺𝗮𝗹𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗟𝗮𝗸𝗸.882/2007
Labsii kana jalatti namni yakka malaammaltummaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 ol adabsiisu raawwachuun kan shakkame yoo ta’e mirgi wabiin bahuu isaa akka dhorkamu keewwata 3 jalatti tumameera.
𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮, 𝗤𝗮𝗯𝗮𝘁𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗝𝗶𝗿𝘂 𝗛𝗼𝗼 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮?
Qixa kanaan rakkoowwan heddutu jiru:
•Mirgi wabiin bahuu akka qajeeltootti fudhatamee hojiirra ooluu osoo qabuu akka addaatti fudhatamuun dhorkamuu;
•Haalotni seerri mirgi wabii akka dhorkamu kaa’e osoo hin jiraatin mirga wabiin bahuu dhorkuu;
•Namni mirgichi Mana Murtiitiin eegameef poolisiin gadilakkifamuu dhabuu;
•Namni mirgichi eegameef dirqama isaa bahachuu dhabuun miliquu fi kkf ni mul’atu.
𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗞𝗼𝗼: seeraatti deebinee seera hojiirra haa oolchinu. Turtii gaarii!
thank you !!