Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lakk. 230493 ta’e irratti dhaddacha gaafa Onk. 2/2016 ooleen murtii kenneen abbaan qabeenyaa konkolaataa tokko konkolaataa isaa kana nama biraaf kan kireesse yoo ta’ee fi konkolaataan kun nama kireeffate harka osoo jiruu balaa kan gaggeessise yoo ta’e, miidhaa gaheef itti gaafatamummaa kan qabu abbaa konkolaataa osoo hin taane nama kireeffatee fayyadamaa ture sanaati jechuun murteessee jira. Murtichis SHH kwt 2082 fi 2083 akkasumas murtii dirqisiisaa kana dura dhaddachumti kun galmee lakk. 55228 (jildii 11ffaa) ta’e irratti kenne kan bu’uureffatee dha.
Qabiyee lafa magaalaa tajaajila qonnaaf olaa ture (lafa baadiyaa irraa magaalati hin nakamne fi lafa lizii hin taane)
seera fi danbii kamiin lafa bakka bu’insaa argachu danda’aa?
kabajamo with great respect ,Labsii 1161/2013 raawachisu danbii naanno Oromiyaa yoo qanaatan naaf erga