Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa galmee lakk. 437085 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/04/2016 ooleen sirna gaaffiin mirga wabii yakka shororkeessummaa itti keessummaa’uu qabu ilaalchisee murtii tokko kenneera.
Haaluma kanaan namni yakka shorkeessummaan shakkamuun to’atame gaaffii mirga wabii mana murtii sadarkaa kamittuu dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu akkasumas Manneen Murtii Aanaa fi Manneen Murtii Ol’aanaa dhimma akkasii ofitti fuunee hin keessummeessinu kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu xinxaala jedhu kenneera.
Dhaddachachi murtichaaf ka’uumsa kan godhate Seerri Deemsa Falmii Yakkaa keewwati 64 (3) gaaffiin mirga wabii Mana Murtii kamittuu dhiyaachuu kan danda’u ta’uu fi labsiin yakka shororkeessummaa ittisuuf bahe lakk. 1176/2012 keewwata 39 jalatti aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Naannoof addatti kenname keessatti gaaffii mirga wabii dhiyaatu keessummeessuun kan hin hammatamne ta’uun isaa aangoon dhimmicha keessummeessuu kan Mana Murtii sadarkaa kamiituu agarsiisa kan jedhuu dha. Dabalataanis qabiinsa nama yakka shororkeessummaan to’atamee jiruu eegsisuu keessatti shoorri Manneen Murtii taphachuu qaban labsicha keewwata 39 (3) jalatti tumamuunis kanuma cimsa ejjannoo jedhu qabateera, dhaddachichi.
•••
Wow !