๐ฆ๐๐๐ก๐ฆ๐
Namni tokko akkuma dhalatu duโuun seera uumamaa akkaa taโe ni beekama. Sirni namni tokko erga duโee booda qabeenyi isaa ittiin dhaaltota isaatti darbu seera dhaalaa keessatti diriiree jira. Seerri dhaalaa biyya keenya seera hariiroo hawaasaa bara 1952 bahe kitaaba 2ffaa mata duree 5ffaa jalatti kan hammatamee dha. Seerichi akkaataa dhaaltummaan itti banamu, itti qulqullaaโuu fi erga qulqullaaโee booda dhaaltota dhaaluuf mirga qabaniif itti qoqqoodamu of keessatti hammateera.
Dhaalchisaan gaafa lubbuun jiru duโa isaa booda eenyu qabeenya isaa keessaa maal fudhachuu akka qabu dhaamoo taasisuu akkasumas kennaa adda addaa kennuu dandaโa. Dhimmi harโa irratti hubannoo isiniif uumuu barbaade, dhaalatti makuun (collation) kennaalee kanaan kan wal qabatu yoo taโu akka itti aanutti kan dhiyaatu taโa.
๐ ๐๐๐๐จ๐ ๐ ๐๐
Dhaalatti makuun ibsa gabaabaadhaan qabeenya dhaaltuun tokko kennaadhaan dhalchisaa irraa yeroo inni lubbuun jiru fudhate gara qabeenya dhaalatti deebisu jechuu dha. Qabeenyi dhaalaa yommuu qulqullaโu qabeenyi jiru maal maal akka taโee fi eenyu harkatti akka argamu kan adda bahuu yommuu taโu kana keessaa tokko qabeenya bifa kennaatiin dhaalchisaan dursee fudhatee dha. Sirni dhaaltuun qabeenya osoo dhaalchisaan lubbuun jiruu fudhate gara qabeenya dhaalatti ittiin deebiโee makamu qabeenya dhaalatti makuu jedhamee waamama. Akkaataa kanaan qabeenyichi dursee dhaaltuudhaan fudhatame qabeenya dhaalaatti erga makamee booda dhaaltuun kun qabeenya dhaalaa hunda dhaaltota biroo waliin akka qooddatu ni taasifama jechuu dha. (Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1065)
Duโaan yeroo lubbuun jiru kennaa gosa lama taasisuu akka dandaโu ni beekama. Isaanis kennaa osoo inni lubbuun jiruu raawwatiinsa qabaatuu fi kan erga inni duโee booda hojiirra ooluu dha. Kennaalee lamaan keessaa qabeenya dhaalaatti akka deebiโu kan taasifamu kennaa isa jalqabaa akka taโe hubachuun barbaachisaa dha.
๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐ข๐ข ๐๐ฆ๐๐
Kaayyoo guddaan dhaaltota gidduutti garaagarummaan gahee akka hin uumamnee fi hanga dandaโametti qabeenya duโaa qixa akka qooddatan dandeessisuu fi walitti dhufeenyi maatii gidduutti jiraachuu qabu gaarii taโee akka itti fufu taasisuu dha. Dhaaltuun qabeenya biro bifa kennaatiin dursee fudhate qabeenya kana dhaalatti osoo hin makin qabeenya biroo deebiโee dhaaltota biroo waliin kan qooddatu yoo taโe hanga argachuu qaban irratti adda addummaan ni balโata. Seerichi kun akka taโu waan hin barbaadneef sirni dhaalatti makuu akka diriiru taasisee jira.
๐๐๐๐๐ ๐๐ง๐ง๐ ๐ฅ๐๐๐ช๐ช๐๐ง๐๐ ๐จ
Tumaa Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1065 irraa akka hubatamutti dhaaltuun qabeenya dhaalaatti akka maku dirqamu qabeenyicha deebisee kan maku osoo hin taane tilmaama (gatii) qabeenyi sun baasuu dandaโuu dha. Kanaaf, haalli raawwatiinsa isaa qabeenyi dhaaltuun yeroo dhaalchisaan lubbuun ture sun erga shallagamee booda gatiin isaa qabeenya dhaalatti kan makamu taโa jechuu dha.
๐ก๐๐ ๐ ๐ ๐๐๐จ๐จ๐ ๐๐๐ก ๐๐๐ฅ๐ค๐๐ ๐ก๐ย
Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1073 jalatti akka tumametti namni dhaaltuu taโe tokko dhaaltummaa duโaa fudhachuuf hayyamamaa yoo hin taane qabeenya dursee kennaadhan fudhate qabeenya dhaalatti deebisuuf kan dirqamu miti.
Dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee lakk. 191963 taโe (jildii 25ffaa) irratti dhimma Godina Arsii Aanaa Heexosaa irraa kaโe ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenneen iyyattootni qabeenya dhaalaa duโaa qooddachuuf osoo hin gaafatin qabiyyee dursanii kennaadhaan argatan dhaalatti akka deebisan jechuun murtiin dhaddacha ijibbaataa MMWO tiin kenname dogoggora buโuura seeraa qaba jechuun diiguun murteessee jira.
โขโขโข