Qabiyyee Faayidaa Uummataaf Gadhisiisuu vs Aangoo MMA

Faayidaa uummataatiif lafa gadi lakkisiisuun wal qabatee qaamni mootummaa adeemsa seeraa osoo hin hordofin qabiyyee nama mirga abbaa qabiyyummaa qabu irraa yoo fudhate Manni Murtii Aanaa dhimma akkasii ofitti fuudhee keessummeessuuf aangoo hundee dubbii ni qaba jechuun Dhaddachi Ijjibbataa MMWF galmee lakk. 235209 ta’e irratti dhaddacha Onkoloolessa 07 bara 2016 ooleen murteesseera.

Guduunfaa kana irra gahuuf waantootni bu’uura godhates:

1. Aangoon abbaa seerummaa kan Mana Murtii qofaa ta’uu fi dhimmoota Mana Murtiin ilaalamanii murtii argachuu danda’an irratti Manneen Murtii aangoo uumamaa (inherent power) kan qaban ta’uu; namni kamuu dhimma mana murtiitiin ilaalamee murtaa’uu danda’u Mana Murtiitti ykn qaama biraa aangoon abbaa seerummaa kennameefitti dhiyeeffatee murteeffachuuf mirga kan qabu ta’uun heera mootummaa keewwata 79 fi 37 jalatti tumamee jiraachuu;

2. Seerri deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwatni 4’s kallattiin ykn al kallattiin yoo dhorkaman malee dhimmoota hariiroo hawaasaa fuudhanii ilaaluun aangoo Manneen Murtii ta’uu ifatti kan tume ta’uu dha.

Maal jechuuf seetan? Dhimmoota irratti aangoo qabdan ofirraa hin dhiibinaa, ofitti fuudhaa keessummeessuun murtii kennaa, mirga haqa argachuu lammiilee mirkaneessaa. Labsiilee iftoomina hin qabne tokko tokkoon aangoon nurraa fudhatame jettanii aangoo keessan dabarsitanii hin kenninaa. Ifatti dhimma kana irratti aangoo hin qabdan, dhimma kana ilaaluu hin dandeessan jedhamee “unequivocally” aangichi yoo isin irraa fudhatameen alatti jechuu kooti.

•••

1 Comment

  1. thanks bro.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *