Dhaabbata Abukaatummaa Gumaa

Hawwii guddaan eegamaa kan ture, dhaabbatni Abukaatummaa Gumaa, hundaa’ee hojii eegaleera. Dhaabbatni kun akka biyyaatti hojjachuuf labsii hayyamaa fi bulchiinsa abukaatoo federaalaa labsii lakk. 1249/2013 tiin bu’uureffatee kan hundaa’eedha.

Dhaabbaticha dhaabbilee wal fakkaatoo akka biyyaatti hundaa’anii hojii keessa galan irraa kan adda isa godhu afaanota adda addaa kan akka afaan Oromoo, afaan Amaariffaa, afaan Ingliffaa fi kanneen biroon tajaajila seeraa bu’a qabeessa ta’e kennuu danda’uu fi ogeessoota ciccimoo ulaagaalee kana guutan kan qabu ta’uu isaati.

Hundeeffamuun dhaabbatichaa uummata biyya keenyaa fi hawaasa idil addunyaa hojii investimentii fi daldaalaaf gara biyya keenyaa dhufaniif akka carraa guddaatti kan fudhatamuudha; sababni isaa tajaajila seeraa qalaqaan deeggarame waan kennuufiidha. Kanaan dabalatattis ogeessota seeraa biyya keenyaaf abdii guddaa qabatee kan dhufee dha.

1 Comment

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *